Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen dhimmoota marii biyyoolessaaf ajandaa ta’an akka akeekan gaafatame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC) – Komishiniin mare Biyyaalessaa Lammiileen dhimmoota marii biyyoolessaaf ajandaa ta’an akka akeekan gaafateera.

Komishinichi ergama itti laatame ba’uu fi Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkanneessuuf hojiilee garaagaraa raawwachaa jiraachuu beeksiseera.

Kaayyoo isaa milkeessuuf lammiileen tumsaa fi hirmaannaa akka taasiisan gaafateera.

Yaada karaa E- mail, Poostaa, Bilbilaa fi qaaman lammiileen dhiyeessan ajandaa mariif walitti qabuu eegaluu himeera.

Haaluma kanaan lammiileen karaa lakkoofsa Bilbilaa 0111261196 /0975554500/, Saanduqa Poostaa 32623 fi E- mail ethiopianndc@gmail.com ajandaa marii akka dhiyeessan waamicha dhiyeesseera.

Dabalataan Waajjira Muummee Komishinichaa Naannawaa Shiroo Meedaa Embaasii Ameerikaa cinaatti argamutti qaamaan dhiyeechuun yaada dhiyeessuu kan danda’an ta’uu eereera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.