Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin ambaasaaddaroota muudamaniif kennamaa ture xumurame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Leenjiin ambaasaaddaroota muudamaniif kennamaa ture xumurame.
 
Biyyoota addaddaatti ambaasaaddaroota Ityoophiyaa bakka bu’aniif leenjiin guyyootii 4 kennamaa ture xumurameera.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw xumura leenjichaarratti argamuudhan haasaa taasisaniiru.
 
Obbo Gadduun, ambaasaaddaroonni kanneen biyyoota ergamanitti faayidaa biyyoolessaa Ityoophiyaa akka kabachiisuu qaban imaanaa jedhaniiru.
 
Ministeerichatti ministir dettaan damee tajaajila qabeenya humna namaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon ammoo, ambaasaaddaroonni haaraa kanneen biyyoota ergamanirratti xiyyeeffachuudhan fayyadamtummaa biyyaatif akka hojjetan gaafataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.