Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin hoggansa olaanaa Paartii Badhaadhinaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) – Leenjiin hoggansa olaanaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
 
Itti aanaan itti gaafatamaa Wajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Mallas Alamuun ibsa leenjiichaa ilaalchisuun kennaniin, leenjiin guyyaa har’aa jalqabe hanga Gurraandhala 2,2012tti itti fufa jedhan.
 
Leenjii kana irratti paartichi ADWUI irraa gara Paartii Badhaadhinaatti erga jijjiiramee asitti jijjiirama argame, hanqinoota mudatanirrattii fi kallattii fuula duraa irratti hoggansi olaanaa ni mari’ataa jedhaniiru.
 
Dabalataan yaad rimee, kaayyoo fi sagantaa paartichaa irratti kan mari’atamu yemmuu ta’u, tarkanfii fudhatameen jijjiirama dhufe irratti ni mari’atama.
 
Keessattuu milkaa’ina argame itti fufsiisudhaan tokkummaa yaadaa fi gochaa uumudhaan haala jijjiirama ummanni bayyattii barbaadu fiduun itti danda’amu irratti leenichi kan xiyyeeffatu ta’a jedhaniiru.
 
Leenjichi humna raawwachiisummaa hoggansaa cimsuudhan milkaa’ina itti aanuf akka qophaahan taasisuu irratti kan xiyyeeffatudha.
 
Leenjichi matadureewwan “bu’aa jijjiramichaan argame amala isaa hubachuudhan itti fufsiisuu, gufuuwwan mudachuu danda’an duursanii hubachuu, gaaffilee hawaas-diinagdee ummataa haala itti deebisuun danda’amuu fi gaaffilee olaantummaa seeraa haala itti deebisuun danda’amu” irratti kanneen xiyyeeffatanidha jedhaniiru.
 
Leenjii guyyootii 17f turu kanarratti hoggansi olaanaan kuma 2 ol hirmaachaa jiru.
 
Leenjichi magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti bakka muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.
 
Bizu’aalam Beenyaa fi Sooddoo Lammaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.