Fana: At a Speed of Life!

Maallaqni ijaarsa Galma Odaa Nabeef ummatarraa sassaabbame hojiirra hin oollee

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Maallaqni Ijaarsa Galma Odaa Nabeef ummatarraa sassaabbame dhaadhaa ibidda buute ta’e jedhan jiraattonni.

Ijaarsa Galmaa Odaa Nabeef, bara 2001 hirmaanna ummataa jedhamee maallaqni nurraa guuramuus hanga yoonaa galmichi osoo hin ijaaramnee mallaqni keenyaa dhadhaa ibidda buutee nu jalaa ta’e jedhan jiraattootni Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee Aanaa Aqaaqii.

Jaraattootni aannichaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeettitti yaada isanii kennaan akka ibsanitti, ardaa Odaa Nabee misoomsuu fi Galmaa Odaa Nabee ijaaruuf maallaqa hanga isaa beekuu baatnuus hoggansa yeroo sanaatiin sassaabamee hanga yoona hojin isaa hin mul’annee jedhan.

Jiraattoonni aannichaa maallaqni ummataa sababaa misoomaatiin sassabamee akkuma hoggansi jijjiramuun liqimfamuu hin qabu qaamni dhimmi ilaalatuu seeraan nuuf gaafachuu qaban jechuun komataniiru.

Odaan Nabee magaalaa Finfinnee jala aanaa Aqaaqitti kan argamuu, bakkeewwaan sirna Gadaa keessaa isa tokko.

Garuu Ardaan isaas osoo hin misoomne iyyannus deebii dhabnee jedhan jiraattoota aanicha komataan keessaa manguddoo Abbaa Muudaa Abbabaa Hayluu.

Odaan Nabee kunuunsuun seenaa fi duudhaa ummata Oromoo dhaloota bakka itti barsiisan tahuu bira darbee, bakka galiin irraa madduu gochuun osoo dandahamu Funyaan Finfiinnee jalatti bu’uuralee misoomaa fi kunuunsa dhabee irraanfatamees jedhan manguddoon kun.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet maallaqni galma Odaa Nabee ijaaruuf sassabamee eessa dhaqe?, qaamoleen dhimmicha hordoofan maaf callisaaniin jechuun qaamolee dhimmisaa isaan ilaallatu dubbiseera.

Dhimmichi itti gafatamaan waajjira Aadaa fi Tuurizimi Aanaa Aqaaqii obbo Fayyisaa Miidhaagsaa gaaffannee bara 2001 ijaarsi galma Odaa Nabee eegalee 2003 xumuramee jedhamee turus hoggansi yeroo sana turerraa ragaan qabatamaan piroojeekticha ibsu hin argamnee jedhaniiru.

Biroo Aadaa fi Tuuriziimii Oromiyaa komii ummatni kaasuu kana quba qabduuyyi jennee iyyafanne; obboo Olaanaa Waaqjirraa Biiroo Aadaa fi Tuurizmi Oromiyaatti oggeessa babaalina Aadaati; hoggansi bara sana turaan hedduun isaani bakka birootti jijjiramuu isaanirraan kan ka’ee maallaqni uumaataa gidduuti badeera nun jedhan.

Obbo Olaanaan qaamolee dhimmi ilaalatu waliin namoota yeroo sana qarshii ummaata qisaaseessan seeraan gaafatna, gara fuulduuratiis ardaalee jilaa hin misoomnee irratti hojjachuuf akeekni jira jedhaniiru jechuun Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.