Fana: At a Speed of Life!

Maancheestar Yuunaaytid koontiraata Oodiyoon Iigaaloon dheeresse

Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Maancheestar Yuunaaytid koontiraata Oodiyoon Iigaaloon dheeresse.
 
Kilabichi koontiraata jifataa lammii Naayjeeriyaa Oodiyoon Iigaaloon baatiiwwan dabalataatif dheeressuu beeksiseera.
 
Kilabichi koontiraata taphatichaa amma Amajjii dhuftuutti tursuuf waliigaluu beeksiseera
 
Turtiin taphatichaa kaleessa xumuramuun ni yaadatama.
 
Leenjisaan kilabichaa Ooliigunaar Soolshaayar kilabiin Chaayinaa taphatichaaf carraa dabalataa laatef galateeffataniiru.
 
Amajjii darbe Maancheestaritti kan makame Iigaaloon taphoota 8 galchiiwwan 4 lakkoofsisuu danda’eera.
 
Sababii weerara vaayrasii koroonaatin taphni Priimiyar Liigii Ingiliiz adda citee ture Waxabajjii 10 eegalama.
 
Maddi; BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.