Fana: At a Speed of Life!

Maanguddoon Umrii waggaa 85 qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf gara Yuunvarsiitii imalan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Maanguddoon Umrii waggaa 85 qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf gara Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddoo imalan.

Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddootti barattoonni kumni 30 ol qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf gara Yuunvarsiitichaa seenaa jiru jedhame.

Barattoota qormaata fudhachuuf gara Yuunvarsiitichaa seenaa jiran keessaa jiraataan Godina Walaayitaa aanaa Baayiraa Kooyishaa Maanguddoon Umrii waggaa 85 Obbo Baafaa Baagaajaan isaan tokko.

Maanguddoon kun barattoota marsaa jalqabaan qormaata fudhatan keessaa isaan tokko yoo ta’an, Kaayyoon koo barachuun beekkumsaan argadhuun biyya kiyya tajaajiluudha jedhan.

Abbaa ijoollee 8 kan ta’an Obbo Baafaan sababa dhiibbaa jireenyaan bara 1949 kutaa 7ffaa keessaa barnoota isaanii adda kutuu ibsaniiru.

Waggoota 60 booda bara 2009 Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa Baayiraa Kooyishaatti irra deebiin barnoota isaanii itti fufuu himaniiru.

Obbo Baafaan beekkumsa horachuun umriin hin daangeffamu ejjennoo jedhu qabaachuu ibsaniiru.

Qormaata ce’umsaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30, 2015 irraa eegalee laatamuuf qophii ta’uu isaanii eeraniiru.

Qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa Fulbaana 30, 2015 irraa eegalaa Yuunvarstiitiwwan biyyattiitti laatamu barattoonni kumni dhibbi 9 fi kumni 75 ni fudhatu jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.