Fana: At a Speed of Life!

Maddi anniisaa balfa gogaa Raphii karoora ol humna maddisiisuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Maddi anniisaa balfa gogaa Raphii bara 2012 karoora ol humna maddisiisuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Maddi anniisaa balfa gogaa Raphiii bara 2010 yaalii hojii kan eegale yoo ta’u, bara 2011 guutumaan guutuutti hojii anniisaa maddisuu jalqabe.

Maddichi bara 2012 keessa karoora ol anniisaa maddisuu daayreektarri qunnamtii ummataa fi hariiroo idila addunyaa Humna Elektirika Ityoophiyaa obbo Mogas Makkoonniin ibsaniiru.

Maddi anniisaa kun bara 2012 giddugaleessan sa’aatiitti anniisaa Meegaa Waatii 179.2 waggaan oomisheera jedhan.

Karoora maddisiisuuf karoorfame caalaa %20 dabalataan oomisheera jedhan obbo Mogas.

Balfi gogaan gubachuu hindeenye adeemsa oomishaarratti qormaata guddaa ta’uu ibsaniiru.

Balfa akka kanaa gubuuf baasii dabalataa gaafatus dhaabbatichi anniisaa maddisuuf karoorfame ol oomishuu danda’eera jedhan.

Proojaktiin Madda anniisaa balfa gogaa Raphii Afrikaarraa isa jalqabaati.

Guyyaatti giddugaleessaan balfa gogaa toonii kuma 1 fi 400 dhabamsiif dandeettii kan qabuudha jedhame.

Anniisaa maddisiisuu dabalataan sirna dhabamsiisaa balfaa magaalaa Finfinnee ammayyeessuu keessatti gumaacha guddaa ba’eera.

Ijaarsa madda anniisaa balfa gogaa Raphiif Birrii biiliyoonni 2.6 baasii ta’eera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.