Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Asallaatti hirirri deeggarsaa Raayyaa Ittisaa Biyya gaggeefame

Finfinnee, Adooleessa 18, 2013 (FBC) – Godina Arsii magaalaa Asallaatti hirirri deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyya, balaalleefanaan garee shororkeessaa ABUT kan gaggeefame.

Akkasumas guutinsi Bishaanii Hidhan Haroomsa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu gammachuu qaban ibsaniiru.

Jiraatoonni magaalaa Asallaa fi naannaawwaa ishee hirirraa kana irratti hirmaataniiru.

Biyyi akka biyyatti akka itti fuftuu fi birmaadummaan ishees kabachiisuuf hanga wareegama lubbuutti ni kafalaa jedhan jiraattoonni.

Gareen juuntaa diina Ityoophiyaanotatti, Raayyaa Ittisa cinaa ni dhaabbanna jedhan hiriiricharratti

Godinichaatti marsaa 2ffaan sangoota 142 deeggarsaan kan laatame yoo ta’uu, dargaggonni kumni 2 fi 300 Raayyaa Ittisaa Biyyaatti makamuuf deemaniiru.

Kaantibaan magaalaa Asallaa obbo Gabree Urgeessoon Ummanni amantaa fi sabaan osoo wal hin qoodiin biyya badiirraa baraaru qabu jedhan.

Miidhaksaa Qachaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.