Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Miiniiyaapoolisitti ajjeechaa sukkaneessaa Joorji Flooyid irratti raawwate balaaleffachuun itti fufe

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Magaalaa Miiniiyaapoolisitti ajjeechaa sukkaneessaa Joorji Flooyid irratti raawwate balaaleffachuun itti fufe.
 
Ameerikaa magaalaa Miiniiyaapoolistti ajjeechaa sukkanneessa poolisiin nama bifaan gurraachaa Joorji Flooyid irratti raawwate sababeeffachuun mormiin eegalame itti fufeera.
 
Magaalichaatti ajjeechaa lammiilee gurraachotarratti raawwatamu mormuuf lammiileen biyyatti kumaatamaan lakkawwan addabaabayiitti ba’aniiru.
 
Hiriira gaggeeffameen waajjirri Poolisii magaalichaa gubateera.
 
Ajjeechaa Poolisonni adiin lammiilee gurraachotarratti raawwatan mormuuf kan eegalame hiriirri kun dhaadannoo ‘gatiin lubbuu gurraachaa meeqa?,haqa lammiilee gurraachotaaf’ jedhu dhageessisaa jiru.
 
Haala uummame tasgabbeessuuf humna addaa Ameerikaaf ergamni kennamuu ibsameera.
 
‘Sababa mormii kanaan miidhaa guddaan hanga ga’uutti teenyee hin ilaallu’ jedhan Preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp dhimmichaarratti yaada laataniin.
 
Joorji Flooyid Wiixata darbe haala sukkaneessaa ta’een Poolisiin ajjeeffamuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Poolisiin gara jabinaan Joorji Flooydi ajjeessuu isaa ragaan viidiyoo miidiyaalee garaagarraa tatamsa’aa jiru ni muul’sa.
 
Ga’eessi umurii ganna 46 Joorji Flooyid yeroo sanatti meeshaa waraanaa kan of harkaa hin qabne ta’uu ibsameera.
 
Maatiin isaa fi jiraattoonni magaalichaa haqa barbaanna jedhanis Poolisiin magaalichaa namoota yakka kana raawwatan 4 hojiirraa ari’uun ala tarkaanfiin fudhate hin jiru jedhame.
 
Abbaan Alangaa fi Biiroon Sakkattoo biyyattii ragaa waliitti qabaa jiraachuu ibsa laataniiru.
 
Ameerikaatti Bara Faranjjotaa 2019 keessa qofa namoonni 1000 poolisiin kan ajjeeffaman yoo ta’u, kanneen du’an keessa dachaan 3 gurraachota jedhame.
 
Keessattuu ajjeechaan namoota 11 irratti raawwate gara jabinaan ta’uu himameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.