Fana: At a Speed of Life!

Mana barumsaa barattoota faaruu biyyaalessaa sagalee ol kaasanii hin faarsine adabu

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) –Manni barumsaa barattoota faaruu biyyaalessaa sagalee ol kaasanii hin faarsine adabu, mormii kaase.

Manni barumsaa mormii kaasise kun Taayilaanditti argama.

Manni barumsichaa barattoonni wayita faaruu biyyaalessaa faarsan sagalee isaanii ol kaasanii akka faarfatan barbaada.

Faallaa kanaan barattoota sagalee isaanii gadi qabanii faarsan, irra deebiin akka faarsan taasisa.

Barattoonni wayita faaruu biyyaalessaa Taaylaand faarsan manni barumsichaa meeshaa hamma sagalee isaan maddisiisan madaalu ni fayyadama.

Sagaleen barattootaa akkaataa safarrii meeshaa madaalichaatin %85 yoo ta’e barattootasaa hin adabu.

Haata’uutii, barattoonni hammi sagalee isaani %80 – %84 gadi ta’e irra deebiin akka faarfatan taasifamu.

Kanneen sagaleen isaanii %80 gadi ta’e ammoo faaricha yeroo sadii irraa deebiin ni faarsu.

Manni barumsichaa kana kan godhu barattoonni faaruu biyyaalessaa biyya isaanii akka baraniifi.

Yaata’uutii hedduun isaanii adabbicha mormaniiru.

Seerichi barattootarratti dhiibbaa kan uumu ta’uu namoonni yaada isaani kennan dubbataniiru.

Manni barumsichaa yaalii guyyaa lamaatin booda, moormi iisa mudateen qajeelfamicha adda kuteera.

Maddi:-Odiitii Seentaraal

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.