Fana: At a Speed of Life!

Mana Qopheessaa magaalaa Finfinneetti Richiitiin kabaja ayyaanaaf qophaa’e tasa dhoo’uun miidhaa osoo hin qaqqabsiisiin to’atame

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Mana Qopheessaa magaalaa Finfinneetti Richiitiin sirna kabaja ayyaanoota adda addaaf qophaa’e tasa dhoo’uun miidhaa osoo hin qaqqabsiisiin to’atamuu ibsameera.

 

Mana qopheessichaatti Richiitiwwan kabaja aayyaanoota garaagaraaf qophaa’e guyyaa har’aa naannoo sa’aatii 10:30tti tasa dhoo’uun miidhaa osoo hin qaqqabsiisiin to’atamuu himameera.

 

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee bara darbee eegalee Gamoo Mana Qopheessaa haaromsaa jiraachuun isaa kan yaadatamuudha.

 

Komishinii hoggansaa sodaa balaa magaalaa Finfinneetti Ogeeyyiin ittisaa balaa ibiddaa, Poolisiin federaalaa fi miseensonni komishinii poolisii magaalichaa iddichatti argamuun hojjettoonni hojii idilee isaanii gaggeessuu akka danda’an mirkaneessaniiru jedhame.

 

Hojiin suphaa gamichas itti fufuu isaa ibsameera.

 

Hawaasni taatee uumame hubachuun odeeffannoo dogongoraan tatamsaa’aa jirurraa akka of qusatu waamichi dhiyaachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni agarsiisa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.