Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa qorannoo dhimmoota imaammataa 30 ifoomse

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Manni Maree Waldaalee Daldalaa fi Dameewwanii Magaalaa Finfinnee qorannoo dhimmoota imaammataa daldalaa fi gamtaa damichaatin walqabatanirratti gaggeessaa ture 30 xumuruun ifoomseera.

Kanneen keessaa waliin ga’iinsa faayinaansii, dhimmoota taaksii fi imaammatoota hanqina qaban irratti qorannoo taasise xumureera.

Qorannoowwan kun dhiyeenyatti mootummaaf akka dhiyaatan ibsameera.

Haalli siyaasaa fi diinagdee biyyatti yeroo ammaa damee dhuunfarratti dhiibbaa ga’aa jiru dandamachiisuuf hojii jajjabeessu raawwachaa jiraachuu manni marichaa ibseera.

Paartileen siyaasaa filannoo dhufurratti sagantaa fi mul’ata damee dhuunfaarratti qaban akka beeksifataniif waltajjii akka qopheessu ifoomsera.

Hawaasni daldalaa yeroo kam caalaa ijaaramuun rakkinoota bifa qindaa’en dandamachuu fi dargaggootaf carraa hojii uumuu akka qaban ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.