Fana: At a Speed of Life!

Mariin; kalaqa yeroo rakkinaarratti xiyyeeffatu gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Mariin weebinarii 2- “Kalaqni yeroo rakkinaatti” mata duree jedhuun qophaa’e gaggeeffame.
 
Waajjira Muummee Ministiraatii Dooktar Taammiraat Haylee, itti aanaan daayreektara olaanaa Abbaa Taayitaa Qorannaa fi Eegumsa Hambaalee gargaaraa proofeesaraa Ababaaw Ayyaaleew, ogeeyyiin yaala fayyaa sammuu Yuunvarsiitii Finfinnee Dooktar Biiniyaam Warquu fi Dooktar Baarkoot Miilkiyaas hirmaataniiru.
 
Marii hayyootaa kana kan qopheesse Waajjira Muummee Ministiraati.
 
Weerarri yammuu mudatetti miidhaa qaqqabuu maluu fi fala isaarratti xiyyeeffachuudhan mari’atameera.
 
Weerarri addunyaarratti yammuu mudatu dhiibbaan xinsammuu, miidhaan lubbuu fi dhiphinni hariiroo hawaasummaa kan gufachiisu waan ta’eef ulfaatadha jedhameera.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf yaadota haaraa maddisiisuu fi gabbisuun murteessaa ta’uun ka’eera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.