Fana: At a Speed of Life!

Mariin nageenyaa Raashiyaa fi Yuukreen har’a Beelaarusitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC)- Mariin nageenyaa Raashiyaa fi Yuukreen har’a Beelaarusitti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Mariin nageenyaa biyyoota lamaanii kun duula waraanaa Yuukreenii fi Raashiyaa dhaabuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

Dubbattoota afaan Raashiyaa hedduu kan qaban bulchinsoota Dooneetiskii fi Lugaansikiirra farraa Raashiyaanoota eeguuf jedhun Mooskoon Yuukreen irratti duula erga eegaltee guyyoota 6 lakkoofsiseera.

Duula kana booda Preezdaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zalaansikii, biyyisaanii Raashiyaa waliin mari’achuuf qophii ta’uu ishee himuun isaanii ni yaadatama.

Kana hordofee mariin nageenyaa waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen giddutti uumame hiikuu gaggeeffamuu eegaleera.

Akka gabaasa RT’tti biyyoonni lameen guyyaa har’aa naannoo dhiyeenya daangaa Yuukreenitti kan argamtu Beelaarusiitti marichi kan eegale.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.