Fana: At a Speed of Life!

Mariin tumsa diinagdee Ityoophiyaa fi Chaayinaa cimsuurratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Ityoophiyaa obbo Ahimad Shiideen Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Chaayinaa Zhi’oo Zhii’ayaan waliin dhimmoota tumsa diingadee biyyoota lamaanii cimsanirratti mari’ataniiru.
Obbo Ahimad Shiideen deeggarsa Chaayinaan, dhimmoota riifoormii diinagdee, bu’uuraalee misoomaa, misooma humna namaa fi Indaastiriirratti taasiifte dinqisiifataniiru.
Tumsi diinagdee biyyoota lamaanii yeroo gara yerootti cimaa dhufuu obbo Ahimad dubbataniiru.
Ityoophiyaan sagantaa Riifoormii diinagdee Chaayinaa akka moodeellatti kan fudhattu ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddari Chaayinaa Zhi’oo Zhii’ayaan gama isaaniin Chaayinaan guddina diingadee Ityoophiyaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf ejjennoo qabaachuu eeruu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.