Fana: At a Speed of Life!

Meejar Jeneraal Kinfee Daanyaw yakka malaammaltummaa himatamaniin yakkamaa ta’uu mirkanaa’e

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC) –Manni Murtii Daayrektarri Olaanaa Korporeeshinii Injinariingii Sibiilootaa Ityoophiyaa duraanii Meejar Jeneraal Kinfee Daanyaw yakka malaammaltummaa himatamaniin badii raawwachuu mirkaneesse.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddachi Ramaddii 4ffaa Lidataa Jeneraal Kinfeen Aangoo qabanitti fayyadamuun seeraan ala Raadaaroonni 11 adeemsi bittaa fi gurgurtaa osoo hin eegiin akka bitaman taasiisan jechuun yakka baleessummaan itti murteesseera.

Raadaaroota sadarkaa gadi ta’an 11 adeemsa bittaa fi gurgurtaan ala bituun Birrii miiliyoona 214 mootummaarra kisaaraa qaqqabsiisaniiru jechuun Abbaan Alangaa yakka malaammaltummaa cimaan himateera.

Raadaarrooni kunneen sababa sadarkaa gadi ta’aniif tajaajila malee ta’uu isaanii Galmee himannaa isaarratti ibsameera.

Manni Murtii Olaanaa Faederaalaa Dhaddachi Ramaddii 4ffaa Lidataa himata Meejar Jeneraa Kinfee fi jaallewwan isaanii ittiin himataman dubbiseefira jedhame.

Himatamtoonnis yakkicha hin raawwanne jechuun ragaa ittisaa dhiyeeffatanis, ragaalee Sanadaa fi namaa Abbaan Alangaa dhiyeesse sirnaan ittisuu waan hin dandeenyef yakka himatamaniin yakkamaa ta’uu itti murtaa’eera.

Manni Murtii akkaataa seera adabbii yakkaa lakkoofsa 149/1 murtoo balleessummaa itti murteesseera.

Manni murtichaa yaada adabbii cimsanii fi salphisan bitaa fi mirgaa dhaggeeffachuuf Waxabajjii 15, 2015tti beellameera.

Haaluma walfakkaatuun Dhaddacha Yakkaa Dhimmoota Malaammaltummaa ramaddii 5ffaan ilaalamaa kan ture dhimmi itti gaafatamaa kutaa seeraa dhaabbatichaa duraanii Koloneel Mohammad Birhaan Abrahaa, torbee lama dura yakka ittiin himataman sirnaan waan ittisaaniif bilisaan ba’uun isaanii ni yaadatama.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.