Fana: At a Speed of Life!

‘Milkii filannoo marsaa 6ffaaf gumaacha kan qabu ummata Ityoophiyaa malee qaama biraa miti’ – Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC) – Rakkoo nageenyaa adeemsa filannoorratti muudachuu danda’an adda baasuun tarkaanfii fudhachaa jiraachuu mootummaan Ityoophiyaa beeksiise.
Iddoo garaagaraatti rakkooleen nageenyaa muul’atan sosochii filannoorratti dhiibbaa uumuu sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan giddugala ijaarsa sirna Diimookiraasii Waajjira Muummee Ministiraa Dooktar Biqilaa Hurrisaan himaniiru.
Rakkoon nageenyaa uumee kun meeshaaleen filannoo gara buufata filannoo akka yeroon hin imallee fi hojii raawwachiiftoonni filannoo bilisaan akka hin sochoone gufuu ta’ee turuu eeraniiru.
Yaa ta’uutii mootummaan Boordii filannoo waliin ta’uun rakkooleen kunneen furmaata akka argatan hojjechaa jiraachuu Dooktar Biqilaan ibsaniiru.
Lammiileen rakkoo nageenyaa tokko malee filannoorratti akka hirmaatan mootummaan hojii nageenya kabachiisuu hojjetu cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Wayita filannoo fi filannoo booda dhimmoota ka’umsa rakkoo nageenyaa ta’uu danda’an adda baasuun hojiin xinxaalaa hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Taajjabdoonni filannoo idil addunyaa filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaa taajjabuu dhabuun isaanii adeemsa filannoorratti dhiibbaan uumuu kan hin jirre ta’uu Dooktar Biqilaan himaniiru.
Milkii filannoo marsaa 6ffaaf gumaacha kan qabu ummata Ityoophiyaa malee qaama biraa miti jedhan.
Filannichi Diimookiraatawaa, Haqa qabeessa, fi bilisaa akka ta’uu qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu Dooktar Biqilaan waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.