Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa ambulaansota 700 ol biirolee fayyaaf deeggarsaan laate

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Ministeerri Fayyaa FDRI biirolee eeggumsa fayyaa naannolee fi bulchiinsa magaalootaatif ambulaansota 700 ol deeggarsaan laachuu beeksise.

Bara baajataa 2012tti marsaa sadiin ambulaansota kuma 1 fi 857 Birrii biiliyoona 2.5 oliin bituun, biirolee eeggumsa fayyaa naannoolee fi bulchiinsota magaalootaatif raabsuf karoorfameet ture.

Haaluma kanaan marsaa 2ffaatin ambulaansonni 700 ol kennamuu daayreektarri bulchiinsa qabeenyaa fi tajaajila waliigalaa ministeerichaa obbo Iskindir Laaqaw ibsaniiru.

Tajaajila yaala fayyaa haadholii fi daa’immanii fooyyessuu keessatti ambulaansonni kunneen shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Deeggarsichi yeroo itti aanu keessas kan itti fufu yoo ta’u, kaayyoo barbaadamaniif qofa ooluu akka qaban qaamoleen dhimmichi illaallatu hundi ga’ee isaanii ba’uu akka qaban hubachiisuu isaanii ragaan miniteericharraa argame ni agarsiisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.