Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa fi Faawundeeshiniin Dibooraa guddina sammuu daa’immanirratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Ministeerri Fayyaa fi Faawundeeshiniin Dibooraa dhimma dhibee saalessa saammuu daa’immani irratti waliin hojjechuuf waligaltee mallatteessaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddassaan Fayyaa hawaasa eeguuf hojii hedduun hojjetamaa jiraachuu fi dhimma fayyaa daa’immani irrattis dhaabbilee deeggartootaa waliin hojjetamaa jira jedhan.
Faawundeeshinii Dibooraa waliin hanqina guddina sammuu daa’immanirratti qindoominaan hojjechuuf waliigaluu ibsaniiru.
Ogeeyyii damee Fayyaaf leenjii ga’umsa qabu laachuu fi dhiyeessii galteewwaaniirratti waliin kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Faawundeeshiniin Dibooraa daa’immaan dhibee saalessa saammuu qaban irratti kan hojjetu ta’uu itti aanaa itti gaafatamaan dhaabbatichaa obbo Abbabaa Girmaan ibsaniiru.
Faawundeeshiniin Dibooraa fayyaa fi barnootaa daa’immanirratti xiyyeeffachuun kan hojjetu ta’uu eeraniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaan hojii Faawundeeshiniin Dibooraa dhibee daa’immani saalessa saammuu qaban irratti hojjecha jiruu galateeffachuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.