Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Nageenyaa fi bakka buutonni Waldaalee Siiviikii waliigaltee mallatteessan

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa fi bakka buutonni Waldaalee Siiviikii hojii ijaarsa nageenyaa fi misoomaa hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.
 
Waliigaltichas Ministeera Nageenyaatti ministir deettaan damee ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyoolessaa aadde Almaaz Makoonnanii fi daayreektarri Proojayiniist aadde Natsaannat mallatteessaniiru.
 
Lammiilee harka qalleeyyii fayyadamoo taasisuu, aadaa nageenyaa gabbisuurratti waliin hojjechuu kan dandeessisudha.
 
Ka’umsi proojaktichaa Birrii miiliyoona 8 akka jalqabbiitti kutaa bulchiinsa Kolfee Qaraaniyoo aanaa 10tti hojiirra oola.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.