Fana: At a Speed of Life!

Ministiroonni Maallaqaa biyyoota gaanfa Afrikaa tumsaa fi hojiilee misooma naannichaarratti mari’ataniiru

Finfinnee, Bitootessa 22, 2013 (FBC) – Ministiroonni Maallaqaa biyyoota gaanfa Afrikaa tumsaa fi hojiilee misooma naannichaarratti mari’achuu Ministeerri Maallaqaa beeksiiseera.
Ministiroonni kunneen waltajjii waloo viidiyoo Konfiransiin gaggeessaniin haala rakkoolee diinagdee hojii misoomaa naannichaa muudatan furuun danda’amurratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Miidhaa weerarri vaayrasii koroonaa fi Hoomaan Awwannisaa qabeenya diinagdeerraan ga’een hanqina midhaan nyaataa muudate haala furuun danda’amurratti marii taasiisaniiru jedhame.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen weerarichaa biyyoota qabeenya diinagdee gadi aanaa qabanirra rakkoo hawaasummaa fi diinagdee hammaataa qaqqabsiisuu eeraniiru.
Miidhaan namoomaa caalu akka hin qaqqabneef biyyoonni gaanfa Afrikaa tumsaan hojjechuu akka qaban eeraniiru.
Waltajjicharratti Ministiroonni Maallaqaa fi Walta’iinsa Misooma Diinagdee Ityoophiyaa, Jiibuutii, Keeniyaa, Soomaaliyaa, Eertiraa fi Sudaan argamuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.