Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad jila Naayijeeriyaa waliin marii waloo taasiisan

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad jila Naayijeeriyaa waliin marii waloo taasiisaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fi jilli isaaniin durfamu Masaraa mootummaa Asoo Rook jedhamutti Preezdaanti Mohaammad Buhaariin simannaan erga taasiifameefi booda jila biyyattii waliin dhimmoota waloorratti mari’achuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
Dabalataan Dooktar Abiy simannaa Preezdaant Muhaammaduu Buhaariin taasiisaniif galateeffataniiru.
”Biyyoonni Afrikaa gurguddoon lameen tokko ta’uun keenya, walta’iinsi keenya cimuun, hariiroo gam-lameenii keenyaaf akkasumas walta’iinsa Ardiif murteesaadha” jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.