Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad magaalaa Finfinneetti hojii Maaddii Guutuu Haadholii Warraan hojjetaman daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015(FBC)- Muuummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad magaalaa Finfinneetti hojii Maaddii Guutuu Haadholii Warraan hojjetaman daawwataniiru.

Muuummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hojii Haadholiin Warraa iddoo xiqqoorratti hojjechuun maaddii guutuu hawaasa naannoo isaaniif dhiyeessuu danda’an daawwadheera jedhan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, magaalichatti haadholii warraa iddoo xiqqoo qabanirratti oomisha kuduraa, horsiisa lukkuu, loonii fi kanniisaan akkasumas maaddii guutuu biroon dhiyeessuu nyaataa maatiisaaniirra darbanii hawaasa naannoo isaanii fayyadamoo taasiisuu danda’an daawwachuu eeraniiru.

Sadarkaa maatiitti nyaataan of danda’uun tattaaffii sadarkaa biyyaatti nyaataan of danda’uuf taasifamuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.