Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Amaaraa, yeroo hin murtoofnef walga’ii paartii fi mootummaa ittise

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Amaaraa, yeroo hin murtoofnef walga’ii paartii fi mootummaa ittise.

Koomaand poostiin ittisa weerara vaayrasii koroonaa naannoo Amaaraatti hundaa’e ibsa laate.

Koomaand poostichi ibsa har’a laaten akka beeksisetti manneen dhiichisaa fi dhugaatii booru Bitootessa 15,2012 eegalee yeroo hin murtoofnef akka cufaman murtaa’uu eerera.

Sochiiwwan ispoortii, cidha dabalatee qunnamtiiwwan hawaasummaa addaddaa akka ittifaman murtaa’uu beeksiseera.

Abbootiin qabeenyaa geejjibaa dandeettii fe’umsa konkolaattotaa walakkaadhan hir’isanii akka tajaajila laatan, walga’iin paartii fi mootummaa akka dhaabbatu murtaa’era.

Sochiileen hawaasummaa akka hir’atan, ummanni naannolee gabaa deemuu akka hin heddummeessine kallattiin kaa’ameera.

Sochii fi imalli naannoleedhaa gara nananootti taasifamu akka hir’atu, ittisa vaayrasii koroonaatiin ala bobbiin dirree akka dhaabbatu, dhaabbilee fi namoota daballii gatii hin malle taasisan irratti tarkaanfiin fudhatamu akka cimee itti fufu ajajeera.

Dabalataan wiirtuuwwanitti qorannaan akka taasifamu, qorannaan daangaa Sudaan akka cimu, dhababileen kamuu nageenya hojjetaasaanii akka eegan, meeshaalee ittisaa guutuurratti caasaan nageenyaa cimee akka hojjetu kallattiin kaa’ameera.

Namoonni gara dhaabbilee amantaa deeman gorsa Ministeera Fayyaa akka hordofan dhaamameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.