Fana: At a Speed of Life!

Morokootti sirreeffamtoonni seeraa 300 ol vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) – Morokootti sirreeffamtoonni seeraa 300 ol vaayrasii koroonaan qabaman.

Qorannoo mana amala sirreessaa keessatti taasifameen sirreeffamtoonni seeraa 313 vaayrasii koroonaan qabamuun isaanii mirkanaa’uu Morokoon himte.

Kanneen keessaa 303 mana amala sirreessa tokkicha ‘Quarzazate’ jedhamu keessatti kan argaman yoo ta’u, 10 ammoo manneen amala sirreessa biroo lama keessatti argaman jedhan aanga’oonni manneen amala sirreessaa biyyattii.

Namoonni hedduun sirreeffamtoota yoo ta’an eegdoti mana hidhaa qabamanis jiru.

Akka gabaasa BBCtti qorannoon kun kan eegale torbee darbe namni tokko mana amala sirreessa keessaa vaayrasichaan qabamee waan argamefi.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.