Fana: At a Speed of Life!

Muuziqaa dhaggeeffachaa sosochii qaamaa taasiisuun bu’aa qabeessa ta’uuf ni gargaara- qorannoo

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Muuziqaan sosochii qaamaa taasisuun bu’aa qabeessa ta’uuf akka gargaaruu qorannoon tokkoo ifoomseera.

Qorannoo Biriitaaniyaatti taasiifameen muuziqaa dhaggeeffacha sosochii qaamaa taasisuun bu’aa qabeessa akka taasiisuu ifomseera.

Qorannichi namoota umriin isaanii 25 hanga 65 ta’anii fi namoota guyyaatti daqiiqaa murtaa’eef deemsa lafoo taasisaan kan hammateedha.

Qorannichaan namoonni hammataman sa’aatii dheeraaf biiroo keessaa ta’uun kanneen hojjeetan yoo ta’u, garee lamatti qoodamuun tarkaanfii ariitii fi imala lafoo taasisaaniiru.

Haaluma kanaan gareen jalqabaa guyyatti daqiiqaa 30 muuziqaa dhaggeeffachaa tarkaanfii ariitii imaluu isaanii qorannoochi hordofeera.

Garee lamaffaa keessaatti namoonni hirmaataan ammoo guyyaatti tarkaanfii kuma 10 muuziqaa dhaggeeffacha akka imalan taasifameera.

Kanaan wal qabatee garee lamaan keessatti jijjiirramni mul’ates, muuziqaa dhaggeeffachaa guyyaatti daqiiqaa 30 tarkaanfii ariitii kanneen imalan caalmaatti bu’aa qabeessa ta’aniiru.

Gareen guyyaatti daqiiqaa 30 muuziqaan sosochii ariitii taasisaan kuufama coomaa qaamaa keessaa %2.4 yoo hir’isan, gareen guyyaatti tarkaanfii kuma 10 imalan ammoo %1.8 qofa hir’isaaniruu jedha qorannichi.

Dabalataan Gareen guyyaatti daqiiqaa 30 tarkaanfii ariitiin imalan dhiibbaan dhiigaa isaanii haala olaanaan hir’iseera. Muuziqa dhaggeeffachaa sosochii qaamaa taasisuun bu’aa qabeessuummaaf kanneen fakkeenya jedha qorannichi.

Dabalataan namoonni ariitiin imalan namoota lafa hin imalle caalaa %24 umrii dheeratu, dhibee onneen hin saaxilaman, akkasumas fayyummaa sammuu ni argatu akka qorannichi ifoomseetti.

Maddi:BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.