Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti Tiraakteroonn qonnaa 105 waldaaleef dabarfaman

Finfinnee, Amajjii 20, 2015 (FBC) – Biiroon Hojii fi Ogummaa naannoo Oromiyaa Tiraakteroota Qonnaa ammayyaa 105 fi waldaaleef dabarseera.

Tiraakteroonni Qonnaa ammayyaa kunneen Qonna Ammayyeessuuf qooda olaanaaa qabaachuu eerameera.

Tiraakteroota Qonnaa kunneen Baasii Birrii miiliyoona 246 oliin kan bitaman ta’uu eeramera.

Waldaaleen Baankii Siinqeetti % 10 qusatan Tiraakteroota kanneen fudhachuu eerameera.

Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaa fi Sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan magaalota Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuun Tiraakteroota kanneen waldaaleef dabarsuun laataniiru.

Xilahuun Yilmaa fi Maqdas Asaffaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.