Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Daangaa Turkii fi Sooriyaatti ammas Kirkirri lafaa haaraan mudate

Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC) – Naannoo Daangaa Turkii fi Sooriyaatti ammas Kirkirri lafaa hamaa ta’e mudachuu gabaafame.

Turki bulchiinsa Hataayitti Kirkirri lafaa Reektar Iskeeliin 6.4 ta’e walitti aansuun yeroo lama mudachuu ibsameera.

Kirkira lafaa haaraa mudate kanaan Gamoowwan hedduun barbadaa’uu Tajaajilli Oduu biyyattii gabaaseera.

Balaa Kirkira lafaa mudate kanaan lubbuun namoota hedduu darbuu fi namoonni 213 ammoo miidhamu Pireezdaantiin Bulchiinsa Balaa Tasaa Turkii ibsaniiru.

Balaa Kirkira lafaa torbee lama dura biyyattiitti mudateen lubbuun namoota kuma 41 olii darbuu fi namoonni miiliyoona 13 ol ta’an miidhamuu kan yaadatamuudha.

Kirkirri lafaa kaleessa mudate kun Sooriyaa dabalatee Yoordaanoos, Missirii fi Isiraa’eelitti dhaga’amuu RT gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.