Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraay magaala Maqaleetti bu’uuraaleen misoomaa Birrii biiliyoona 4 oliin ijaarraman ebbifaman

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) – Naannoo Tigraay magaala Maqaleetti bu’uuraaleen misoomaa Birrii biiliyoona 4 oliin ijaarraman ebbifaman.
 
Hundeeffama waggaa 45ffaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Gurraandhala 11 sababeeffachuudhan bu’uuraaleen misoomaa Birrii Biiliyoona 4 oliin ijaarraman ebbifamaniiru.
 
Bu’uuraaleen misoomaa har’a ebbifaman daandii aspaaltii fi addabaaba’ii Agaaziiti.
 
Itti aanaan preezdaantii naannichaa Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel sirnicharratti argamuun ebbisaniiru.
 
Af yaa’ii Mana Maree Federeeshinii FDRI aadde Keeriyaa Ibraahiim, af yaa’ii mana maree naannichaa obbo Rufaa’eel Shifaarree fi hoggansi naannoo fi magaalichaa argamaniiru.
 
Kaleessas ijaarsa bu’uuraalee misoomaa Birrii biiliyoona 1.3 oliitif dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
 
Yoonaataan Gizaachawtu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.