Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibbaa abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 11 ol galmeessisaniif eeyyama Invastimantii laate

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Naannoon Kibbaa abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 11 ol galmeessisaniif eeyyama Invastimantii laachuu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii naannichaa beeksise.
Abbootii qabeenyaa ulaagaalee Invastimantii qonnaa fi damee Indaastirii guutaan 244 eeyyamni kennamuu itti aanaa Hogganaan biirichaa fi Itti gaafatamaan Damee Diyaaspooraa obbo Damissee Baachareen ibsaniiru.
Proojektoonni kunneen wayita xumuramuun hojiitti galan lammiilee kuma 7 fi 466f carraa hojii dhaabbii fi namoota kuma 14 fi 977f ammoo carraa hojii yeroo kan uuman ta’uu ragaan Biiroo Invastimantii fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.