Fana: At a Speed of Life!

Namichi Dhoqqee damma fakkeessun gurgurate hidhaan adabame

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaa magaalaa Algaatti namichi dhoqqee damma fakkeessun gurgurate hidhaan adabameera.
 
Yakkamaan kun gaafa guyyaa 24/12/2013 dhoqqee damma fakkeessun suuqii nama dhuunfaa geessun ijoollee suuqii keessa jiraniin damma kana abbaa keessantu naa fidi nan jedhe yeroo abbaan keessan dhufu itti kennaa jechuun ammaaf Birrii 130 na kennaa jedhe ijoollee harkaa birrii fudhachuu isaa himameera.
 
Haata’u male, abbaan suuqiichaa yeroo feestaalii hiikee ilaalu wanti fastaaliin hidhamee ture damma osoo hin ta’in dhoqqee ta’ee argame.
 
Boodarras hordoffii taasifameen gaafa guyyaa 25/12/2013 gabaa magaalaa Algaa keessatti too’annaa jala ooleera.
 
Yakkamachi wayita to’annaa jala oolu dhoqqee damma fakkeessun feestaaliin xaxuun yaalii gowwomsuu raawwataa akka tureedha Poolisiin aanichaa ibseera.
 
Bu’uruma kanaanis yakkamchi dhadacha Hagayya 26, b 2013 ooleen hidhaa Baatii 8 fi Birrii dhibba adabamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii aanichaarraa arganne ni mulisa.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.