Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dabalataa 889 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, 320 dandamataniiru

Finfinnee, Fulbaana 12, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 889 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, 320 ammoo dandamataniiru.

Gabaasa qorannaa vaayrasii koroonaa sa’aa 24 darbeetin qorannaan laabraatoorii 8115 hojjetamee, namoota 889 irratti vaayrasichi irratti argameera.

Waliigalaan hanga gabaasichi qindaa’utti Ityoophiyaatti vaayrasichi namoota 69,709 irratti argameera.

Namoonni 320 kaleessa yoo dandamatan, waliigalaan kan dandamatan 28,634 qaqqabuu

Ministeerri Fayyaa akka beeksisetti kaleessa namoonni 12 lubbuu isaanii yoo dhaban, waliigalaan kan lubbuun isaanii darbe 1108 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoota vaayrasichi irratti argamu 39,965 keessaa 301 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Biyyattiitti waliigalaan qorannaan laabraatoorii vaayrasii koroonaa miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 10 fi 933 hojjetameera.

Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.