Fana: At a Speed of Life!

Niikaraagwaatti ‘mootiin wadaroo’ ibidda voolkanoorra qaxxaamuruufi

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Niikii Waalendaan sarara shiboo olfagoon abidda volkaanoorra adeemuun nama jalqabaa ta’uufi jedhame.

Niikii Waalendaan Kibxata darbe voolkaanoorra qaxxaamuruuf karoora akka qabu miidiyaaf ibseera.

Maqaa masoo ‘mootii wadaroo/shiboo’ jedhamuun kan beekkamu Niikii Waalendaan baatii Faranjootaa Bitootessa 4, 2019  sarara shiboo olfagoon ibidda voolkaanoo Masaayaa Nikaaraagwaarraa akka adeemee ‘Guud Moorniing Ameerikaatti himeera.

Niik Waalendaan yaalii olaanaa deemsa miilaa dheerina faana 1800 fagaatu abidda voolkaanorratti sa’aatii lamaaf taasise miidiyaan ABC dabarseera.

Waalendaan kanaan dura waqtii Gannaa daqiiqaa 30 keessatti lafarraa fageenya faana 1880 adeemuun riikardii addunyaa cabseera.

Waalendaan yeroo umuriin isaa wagga lamaa shiboo fageenya qaburra adeemaa akka tures himeera.

Waanta hojjetu tokko yeroo kudhan irra deddeebi’ee akka yaalus dubbateera.

Maddi:- UPI

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.