Fana: At a Speed of Life!

Nikoolaas Maaduuroo dubartoonni ijoollee ja’a godhachuu qabu jedhan

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Nikoolaas Maaduuroon dubartoonni biyyasaanii ijoollee ja’a godhachuu qabuun waamicha taasisan.

Preezdaantiin Venzuweelaa Nikoolaas Maaduuroon dubartoonni biyyasaanii faayidaa biyyaatif jecha ijoollee ja’a godhachuu qabu jedhaniiru.

Qophii karoora fayyaa dubartoota biyyaalessaa beeksisuu kan TVtiin darbaa ture irratti Maaduuroon dubartootan ”dahaa, dahaa” jechuun ergaa dabarsaniiru.

Biyyattiin ammoo hir’ina nyaataa fi dhiheessii qorichaa cimaa qabdiin jiraattonni komachaa jiru.

Akka Dhaabbanni Deeggarsa Daa’immanii(UNICEF) jedhuttis, bara Faranjootaa 2013 fi 2018 jidduutti daa’imman biyyattii %13 hir’inni nyaataa isaan mudateet ture.

Morkii cimaan motummaa fi dhaabbilee mormitoota biyyattii gidduutti gaggeeffamu rakkina biyyattii hammeessera.

Dureen dhaaba mormituu Ju’aan Gu’aadoo biyyoota 50 oliin akka hogganaa Venzuweelaa seera qabeessaatti ilaalama.

Garuu preezdaant Maaduuroo, hogganaan paartii ‘Leeft Wiing’ biyyattii fi kan deeggarsa waraanaa Veenzuweelaa qabu kun aangorra tureera.

Maaduuroon dubartoota qophicharratti argamaniin daa’imman dubaraa fi dhiiraa xixiqqoo jaha waan deessaniif Waaqni isin haa eebbisu jedhaniiru.

Biyyaaf jechuun dubartoonni hundinuu ijoollee jaha haa godhatan jechuunkan kakaasan, kabaja Maarch 8 sababeeffachuun torban dubartootaa qophaa’errattidha.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.