Fana: At a Speed of Life!

Nyaanni madaalawaa hin taanee fi jijjiirramni qabeenya qilleensaa daa’imman irratti dhibbaa qaba jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012- Nyaanni madaalawaa hin taanee fi jijjiiramni qabeenya qilleensaa daa’imman irratti sodaa umeera jechuun Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii beeksiseera.

Dhaabbanni Mootummota Gamtooman, dhaabbata fayyaa addunyaa fi garee ‘Lancet Medical Journal’ waliin gabaasa baasaniin daa’imman baqattummaan addunyaarra jiraatan irratti jijjiirramni qabeenya qilleensaa fi nyaatni madaalawaa hin taane sodaa guddaa akka ume himaniiru.

Gabaasichi biyyoota 180tti qorannoo isaa gaggeessera.

Waggoota kurnan arfan darbanitti furdina hammaa olii fi dhugaatiin alkoolii daa’imman hedduurratti ni mul’ata jedhameera.

Akka gabaasichaatti daa’imman giddugala Rippaabilika Afrikaa, Chaad, Soomaaliyaa, Niijerii fi Maaliin sodichaaf saaxilamoo ta’uu ibseera.

Faallasaatin ammoo daa’imman Noorweey, Kooriyaa Kibbaa fi Niizarlaanditti argaman sodicha jala warreen bilisa ba’anidha jedhameera.

Yuunvaarsiiti Koolleejjii Landan keessatti daayreektara ‘Globaal Health’ kan ta’anii fi idil addunyaatti dhaabbile fayyaa daa’immaniirratti qorannoon kan hojjetan Proofeesar Antooniyoo Kaasteelloo gama isaanitiin, ammas ta’e gara fuula duraatti biyyi fayyaa daa’immanii hin eegne jiraachuu dhabuun ergaa isaa ciimaa ta’uu ibsaniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.