Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun dureewwan godina Kibba Walloo waliin mari’achaa jiru

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Obbo Gadduu Andaargaachaw dureewwan godina Kibba Walloo waliin mari’achaa jiru.

Ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw hojiiwwan misooma qabeenya uumamaarratti dureewwanii fi ogeessoota Kibba Walloo waliin magaalaa Dasseetti mari’achaa jiru.

Maricharratti hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo, hoggantoota aanoota fi ogeessota qonnaa fi qaamolee dhimmi ilaalu waliin argamanii jiru.

Itti aanaa Hoogganaa Qajeelcha Qonnaa Godina Kibba Walloo obbo Alii Sayid akka ibsanitti, marichi misoomaa qabeenya uumaamaa fi itti fayyadama isaarratti akkasumaas hanqinootaa fi ciminootarratti ka’umsa kan godhatedha jedhan.

Rakkinoota eegumsa biyyee fi bishaanii adda baasuun hojiiwwan  waqtii Bonaa tumsi akka ta’u hubachiisaniiru.

Godinichatti waqtii Bonaa hojii eegumsa biyyee fi bishanii ummanni kuma dhibba 6 fi kuma 10 ol misooma sululaarratti akka hirmaatan ibsameera.

Ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw gaaffilee hirmaattotarra dhiyaataniif deebii laachuun kallattii fulduraa ni ilaalu jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.