Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun Ministir deettaa Ministeera Alaa Kooriyaa Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gaduu Andaargaachaw Ministir deettaa Ministeera Alaa Kooriyaa Kibbaa Haam Saang Wuuk waliin mari’atan.
 
Obbo Gadduun biyyoonni lameen gama hundaan hariiroo cimaa qabaachuu ibsaniiru.
 
Hariiroon Ityoophiyaa fi Kooriyaa dhiigan kan walitti hidhame ta’uu isaan hariiroo kana caalmaatti cimsuuf Ityoophiyaan cimtee ni hojjetti jedhan.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaaffii Ityoophiyaan taasisaa jirtuuf tumsa Kooriyaan taasifteef galateeffataniiru.
 
Ministir deettaa Ministeera Alaa Kooriyaa Kibbaa Haam Saang Wuuk gama isaaniin simannaa obbo Gadduun taasiisaniif galateeffataniiru.
 
Ergaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa Kaang Yuung Wuhaa irraa ergame obbo Gadduuf laataniiru.
 
Wayita waraanaa Kooriyaa Ityoophiyaan deeggarsa loltootaa taasiifte galateeffachuu isaa ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
 
Tattaaffii Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasiiftu Kooriyaan Kibbaa itti fufiinsaan kan deeggartu ta’uu mirkaneessaniiru.
 
Oduu walfakkaatuun Ministir deettaan Ministeera Alaa Kooriyaa Kibbaa kun gita isaanii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waliin mari’ataniiru.
 
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Kooriyaan Kibbaa biyya guddina diinagdee fi ce’umsa hawaasummaan adda duree taateedha jedhan.
 
Haala hariiroon biyyoota lamaaniin caalmatti cimsuun danfa’amurratti marii taasisuu isaniin ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.