Fana: At a Speed of Life!

Ogeessi saayinsii kompiwutaraa ‘cut, copy fi paste’ kalaqe boqote

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Ogeessi saayinsii kompiwutaraa Laarii Teesilar waggaa 74tti  boqote.

Dhaabbata Zeerooks jedhamu lafa Tesilar jiruu isaa yeroo dheeraa dabarse ergaan gaddaa darbaafii jira.

Dhaabbatichi, ”kalaqaan ‘cut,copy fi paste fi Find fi replace’, qorataa Zeerooks ture,” ”hojiin keenyi guyyuu akka salphatu kan godhe isa,” jechuun fuula Twiitarii irratti katabeera.

Teesilar Niiwyoork Birooniks jedhamu bara 1945tti dhalate, barnootasaa Kaalifoorniyaa Yuunvaarsiitii Istaanforditti barate.

Erga yuunvaarsiitii irraa eeebbifamee sirna kompiitaraa fayyadamaaf salphaa akka tahutti hojjetaa ture.

Dhaabota teeknooloojii gurguddoodhaaf hojjeteera.

Teesilar ‘Cut, copy fi paste,” isa namoonni waan barreefame maxxanfame muranii iddoo biraatti maxxansan irraa yaada fudhatee hojjete.

Laarii Teesilar kompiwutara fayyadamuun salphaa tahuu qaba jedhee amana ture.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.