Fana: At a Speed of Life!

Olompikii Tookiyoo dorgommii gufachisaa dhiirootaan Lammeechaa Girmaa Ityoophiyaaf meedaaliyaa Birrii argamsiise

Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Olompikii Tookiyoo dorgommii fiigichaa gufachisaa dhiirootaa meetira 3000 har’a 9:15 irratti gaggeeffameen Lammeechaa Girmaa Ityoophiyaaf meedaaliyaa Birrii argamsiiseera.

Lammii Moorookoo kan ta’ee atileet Soofiyaan Al Baakaalii dorgommicha wayita injifatuu lammiin Keeniyaa atileet Kiing Beenjaamiin ammoo 3ffaa ba’uun xumureera.

Lammeechaa Girmaa Ityoophiyaaf meedaaliyaa Birrii jalqabaa kan argamsiisee yoo ta’u, Geetinnaat Walee ammoo dorgommichaa 4ffaa ba’uun xumureera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.