Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hojjettootaa fi caasaa godinaa, aanaa fi gandaa 1,700 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 5, 2012 (FBC) – Oromiyaatti rakkoo nageenyaa tibba darbe uumameen hojjettootaa fi caasaa godinaa, aanaa fi gandaa 1,700 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsame.
 
Tarkaanfichi kan fudhatame hojjettoota mootummaa 500 olii fi hoggantoota sadarkaa godinaa, aanaa fi gandaa 1200 ol irratti ta’uun eerameera.
 
Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka beeksisetti, tarkaanfichi kan fudhatame hoggantoota mootummaa ga’ee hojii irraa eegamu ba’achuu dhabanii fi hojjettoota mootummaa gocha jeequmsaa baatii darbee keessatti hirmaatan irratti.
 
Tarkaanfin fudhatames kan seeraa fi siyaasaa ta’uu biirichi beeksiseera.
 
Ajjeefamuu Artiist Haacaaluu Hundeessaan booda jeequmsa uumame keessatti hojjettoonni mootummaa hirmaatan 500 ol to’atamanii dhimmi isaanii qulqulla’aa jira.
 
Bifuma wal fakkaatun, hoggantoonni sadarkaa gandaa, aanaa fi godinaa ga’ee irraa eegamu ba’achuu dhabanii fi rakkoo uumame keessaa harka qabaachuun isaanii shakkame 1,200 ol irratti tarkaanfiin seeraa fi siyaasaa fudhatameera jedheera biirichi.
 
Naannoo Oromiyaatti olaantummaa seeraa daran kabachiisuuf hojjetamuu akka qabu koonfaransii hoggantoota Paartii Badhaadhinaarratti murtaa’uus biirichi yaadachiisera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.