Fana: At a Speed of Life!

Paartiileen Siyaasaa Oromoo fi Amaaraa ejjennoo siyaasaa waloo irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Paartiileen Siyaasaa Oromoo fi Amaaraa ejjennoo siyaasaa waloo biyyaaleessaa irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu ibsame.
Paartiileen kunneen baatii 10f dhimmoota biyyaaleessaa irratti mari’ataa erga turanii qabxiilee 10 irratti waliigalaniiru.
Marii kanaan kan waliigalan Paartiilee siyaasaa Oromoo 5 fi Amaaraa 5 ta’uu ibsameera.
Qaamoolee lameen keessaa namoonni walaba ta’an filatamuun marii gaggeessaa turuu ibsameera.
Paartiileen kunneen har’a Sharaatan Addisitti waliigaltee mallatteesaaniiru.
Marii kana Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad bara darbe baatii Sadaasaa eegalchiisuu isaanii ragaan Waajjirra Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.
Paartiileen kunneenis:-
Adda Bilisummaa Oromoo
Kongireesii Federaalawaa Oromoo
Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoomee
Paartii Biyyaaleessa Oromoo
Paartii Badhaadhina Oromiyaa
Paartii Badhaadhinaa Amaaraa
Sochii Biyyaalessa Amaaraa
Paartii ummataa Amaaraa Hundaa
Dhaabbata Natsabraaq Amaaraa
Dhaabbata ummataa Amaaraa Hundaa
Dhaabbanni Amaaraa tokkummaa Ityoophiyaaf
Warraaksa Humna Demookraatawaa Amaaraa
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.