Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Putiin waamicha namummaa fi dhiifamaa dhiyeessan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2016 (FBC) – Haleellaa Shororkeessummaa Mooskootti qaqqabe booda Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waamicha namummaa fi dhiifamaa dhiyeessaniiru.
Haleellaa galma magaalaa Kirooksii keessatti raawwatame hordofee Pireezidaantichi haasawa har’a taasisaniin yaadni namummaa fi araara faayidaa addaa akka qabu dubbataniiru.
Haleellaa kanaan lubbuun namoota 130 olii darbuu fi hedduun miidhaa qaamaa saaxilamuun kan yaadatamuudha.
Yeroo kanatti namummaa fi duudhaalee araaraa irratti wal amanuu daraan faayidaa qabaachuu Pireezidaanti Putiin haasawa isaaniin eeraniiru.
Tokkummaa fi ejjennoon dhaabbachuuf ummata murannoo qabnu jedhan.
Qaamoleen haleellaa kana qaqqabsiisan lammiilee miidhaman akka gargaarruuf tokko nu taasiisaniiru jedhuun dubbatan.
Kanneen magaalaa Kirooksitti haleellaa qaqqabsiisuun shakkaman gara Yukreenitti baqachuuf waayita jedhan to’atamuun murtoo eegachaa jiraachuu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.