Fana: At a Speed of Life!

Poolisoonni saamicha raawwatan adabaman

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Poolisoonni saamicha raawwatan adabaman.
 
Miseensonni poolisii meeshaa mootummaan itti laatetti fayyadamuun saamicha raawwatan adabamuu Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa beeksiseera.
 
Galmeen himannaa akka muul’isutti Koonistaabil Wandimmuu Moosisaa fi Koonistaabil Darrasaa Maarqoos Onkololeessa 20,2011 naannoo Wiirtuu Gabaa DH Gadaatti saamicha raawwataniiru.
 
Poolisoonni kanneen nama hin qabamin Taklahaaymaanoot Gabramadin waliin konkolaataa, Kilaashii fi uleedhan Amiir Alii fi Daawud Alii hidhanii reebudhaan maallaqa suuqii keessa ture Birrii kuma 200 saamanii miliqaniiru.
 
Himatamaa 1ffaan hidhaa cimaa waggaa 11, himatamaa 2ffaan ammoo hidhaa cimaa waggaa 10tin adabameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.