Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Joo Baayideenii fi Preezdaant Viilaadmiir Putiin Jeeneevaatti waliin mar’ataa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putiinii fi Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Jeeneevaatti wal arguun mari’ataa jiru jedhame.

Preezdaantoonni lameen magaalaa guddittii Siwiizarlaand Jeeneevaatti yaa’ii isaanii eegaluu ibsameera.

Mariin dhimmoota garaagaraarratti taasiifnu bu’aa qabeessa akka ta’u abdiin qaba jedhan Preezdaant Viilaadmiir Putiin.

Preezdaant Joo Baayidan gama isaaniin yeroo kaamiyyuu ifatti wal arguun mari’achuun furmaata ta’a jedheen amana jedhan.

Preezdaant Joo Baayideen Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antanoo Bliinkaan, Preezdaant Putiin ammoo Ministira Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov qabachuun gara waltajjii seenaniiru.

Waltajjiin duraa erga xumuramee waltajjii 2ffaarrati Jilli gama lameenii ni hirmaatu jedhamee eeggama.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.