Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq hoggantoota garee Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen hoggantoota garee Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afrikaa Preezdaantii Naajeeriyaa duraanii Ooliiseenguun Abbaasaanjoon durfamu waliin mari’ataniiru.
Gareen Tajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa miseensoota biyyoota Afrikaa garaagaraa keessa walitti babba’an 45 qabaachuu ibsameera.
Buufataalee filannoo filataman irra naanna’uun qophii filannoo duraa, wayita filannoo fi boodaa kan taajjaban ta’uu garichi ibsa taasiiseera.
Preezdaant Saahilawarq garichaaf yeroo hojii gaarii hawwuu ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.