Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Turkii dilbata dhufurraa eegalee biyyoota Afrikaa 3 ni daawwatu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Turkii Reesiip Xaayip Erdoogaan dilbata dhufu irraa eegalee biyyoota Afrikaa 3 ni daawwatu jedhameera.

Biyyoonni kunneenis Angoolaan, Naajeeriyaa fi Toogoo akka ta’e ibsameera.

Daawwannaan isaanii kun walgahii lama Onkoloolessa 21,2021   Yaa’ii Turkii –Afrikaa 3ffaa dhimmoota diinagdee fi Biizinasii irratti kan xiyyeeffate akkasumas Mudde17, 2021 kan gaggeeffamu Yaa’ii Michummaa 3ffaa Turkii- Afrikaaf gahee olaanaa qabaachuu ibsameera.

Preezdaantichi hanga ammaatti biyyoota Afrikaa 28 kan daawwatan yoo ta’u, amma biyyoota 3 itti dabaluu jedhameera.

Immaammanni alaa Turkii biyyoota Afrikaa waliin qabdu siyaasa, deeggarsa namoomaa, aadaa, fi diinagdee irratti kan xiyeeffatu ta’uu ibsameera.

Hariiroo daldalaa Turkii biyyoota Afriikaa waliin qabduun hanga bara 2020tti bittaa fi gurgurtaan Doolaara Ameerikaa biiliyoona 25.3 taasifameera.

Turkiin Imbaasiiwwan 43 Afriikaa keessa akka qabdus ibsameera.

Maddi:- Aanaadooluu

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.