Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin daandii saffisaa Mojoo – Maqii – Baatuu eebbifame

Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Proojektii daandii saffisaa Mojoo – Maqii – Baatuu eebbisiisaniiru.
Sirna eebbichaarratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee akkasumas keessummoonni kabajaaa argamaniiru.
Proojektichi Kiiloo Meetira 92 kan dheeratu yoo ta’u, Mojoo -Maqiin Kiiloo Meetira 56.4, Maqii – Baatuun Kiiloo Meetira 37 dheerata jedhameera.
Daandichi Meetira 32 kan bal’atu ta’uus ibsameera.
waliigala ijaarsa boqonnaa duraa kanaaf Birriin biiliyoonni 6.3 baasii ta’uu ibsameera.
Daandichi qaama Proojektii gaanfa Afrikaa walitti hidhu keessaa isa tokko yoo ta’u, walitti hidhamiinsa diinagdee biyyoota gaanfa Afrikaa keessatti shoora olaanaa qabaachuu himameera.
Gama biroon ba’umsaa fi galumsa Ityoophiyaa Buufata Jiibuutii irratti qofa hirkatee jiruuf filannoo biraa kan uumu ta’a jdhame.
Proojektiin kun Ityoophiyaan Buufata Laamuutti bal’inaan akka fayyadamtuuf shoora olaanaa kan gumaachu ta’uus eerameera.
Daandichi Finfinnee hanga Mooyaalee – Keeniyaa Naayiroo – Bobbasaa, akkasumas Kiiloomeetira kuma 10 kan uwwisu Gibsti Kaayiroo hanga Afrikaa Kibbaa Keeppi Taawunitti kan fulla’u qaama daandii dheeraa Afrikaa ta’uu ibsameera.
Qaama Proojektichaa kan ta’e ijaarsi daandii Baatuu – Arsii – Nagallee- Hawaasaa Kiiloo Meetirri 110 baajaata Birrii biiliyoona 8 oliin gaggeeffama jiraachuus himameera.
Misikkir Sinaafqitu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.