Fana: At a Speed of Life!

Qorannoo Laabraatooriin namoonni 74 vaayrasii koroonaarraa bilisa ta’uun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Namoota shanan Vaayrasichaan qabaman waliin namoonni tuttuqaa qaban 992f hordoffiin taasifamaa jiraachuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

Inistiityuutichi haala yeroo dhibichaa ilaalchisee ibsa laatera.

Namoota dhuunfaa kanneen waliin namoonni tuttuqaa qaban 992 addatti foo’amuun guyyoota 14f hordoffiin taasifamafi jiraachuu ibsameera.

Namoonni kumni 1 fi 285 ammoo guyyoota 14f hordoffii taasifameen fayyummaan isaanii mirkanaa’era jedhame.

Namoota mallattoon dhibichaan walitti dhiyaatuu irratti muul’atee fi namoota qabaman kanneen waliin tuttuqaa qaban 113 bifa addaan qophaatti foo’amuun hordoffiin taasifamaafi ture keessaa qorannoo laabraatooriin namoonni 74 bilisa ta’uun isaanii Inistiityuutichi beeksiseera.

Namoonni shanan qabamanis yeroo ammaa bifa addaan yaalli godhamaafii kan jiru yoo ta’u, haala gaarirratti argamuu isaanii ibsameera.

Kan shakkamtoota 34 ammoo bu’aan qorannoo laabraatoorii isaanii eeggamaa jira jedhame.

Vaayrasicha ittisuuf hawaasni maloota ittisaa fi qajeelfamoota haalaan hojiirra oolchuu akka qaban Inistiityuutichi waamicha dhiyeessera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.