Fana: At a Speed of Life!

Qorichi hordoffii dhibee sukkaaraa gosa 2‘f oolu ifoome

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa qoricha haaraa hordoffii dhibee sukkaaraa gosa 2‘f oolu  “Tirzpaataayizid” jedhamu  ifoomsuun raggaasisuu gabaafameera.

Qorichichi Abbaa Taayitaa To’annoo Federaalaa biyyattiirraa eeyyama argachuu ibsameera.

Qorichicha dhukkubsattoonni dhibee sukkaaraa gosa 2 torbanitti altokko lilmoon kan fudhatan yoo ta’u, hanga sukkaaraa dhiiga keessaa kan to’atuu fi hanga sorata fudhatanii akka hir’isaniif kan gargaaru ta’uu eerameera.

Qorichichi hanga ulfaatinaa fi sukkaaraa dhukkubsattootaa hir’isuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu ibsameera.

Qorichi “Tirzpaataayizid” jedhamu kun qabiyyee hormoonii Inkreetiin jedhamu qabaachuu fi rajiijiin hanga giluukaagoonii akka to’atu taasisuun hangi sukkaaraa dhiiga keessaa akka hir’atu kan godhu ta’uu Waldaa Dhukkubsattoota Sukkaaraa Ameerikaatti hogganaan Saayinsii fi tajaajila wal’aansaa Dooktar Roobart Gaabeey eeraniiru.

Dabalataanis hormooniin Inkreetiin dhukkubsattootatti miirri beeluu akka hin dhaga’amne kan taasisu ta’uu ibsuu “Health Line” gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.