Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Yuukreen Turkitti akka mari’atan Preezidaantiin Turkii Reesiip Xaayip Eerdohaan gaafatan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Preezidaantiin Turkii Reesiip Xaayip Eerdohaan Raashiyaa fi Yuukreen Turki Istaanbuulitti mariisiisuuf qophii ta’uu isaanii ibsan.
Preezidaanti Eerdohaan biyyoonni kunneen akka mari’atan guyyaa keessaa waamicha dhiyeessanii turan.
Guyyaa har’aa ammoo Preezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiiniif bilbilaan ergaa dabarsuu isaanii ibsameera.
Biyyoonni lamaanii qajeeltowwan mariif dhiyeessanirratti kan waliigalan yoo ta’u bakka buutoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun Istaanbuulitti mariisisuuf fedhii qabaachuu isaanii Preezidaanti Eerdohaan eeraniiru.
Akkasumas biyyoonni kunneen nageenyaaf haala mijeessuu akka qabanii fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu wal amantaarratti hundaa’e taasiisuun miidhaa waraanni qaqqabsiisu akka hir’isan waamicha dhiyeessaniiru.
Preezidaanti Vilaadmiir Putiinii fi Eerdohaan bilbilaan erga mari’atanii booda Raashiyaan daldala midhaanii gara Yuukreenitti ergitu dabalatee hariiroo tajaajila Geejjiba Galaanaa fi shaqaxaalee haala fooyya’aan raawwachuuf waliigaluu isaanii TR gabaaseera.
Yaada marii Turki Raashiyaa fi Yuukreeniif dhiyeessiteef hanga ammaatti gama Raashiyaan deebiin laatame hin jiru jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.